oroict.com | Hudhaalee ijoo Guddina Afaan Oromoo Danqan, Danqaa jiraniifi Yaada Furmaataa | oroict.com oroict.com

oroict.com | Hudhaalee ijoo Guddina Afaan Oromoo Danqan, Danqaa jiraniifi Yaada Furmaataa

Hiikkaa Feesbuukii Afaan Oromoo, Hiikaa Telegiraamii, Google Transalation fi kkf irratti hudhaalee jiru, keessaa Hiikkaa Feesbuukii irratti wantootni hubachuu feesisu.

Hiikkaa Feesbuukii Afaan Oromoo yeroo jennu, wantoota Feesbuukii kana irratti fayyadamnu hundi dursee Afaan English qophaaye, akkuma Fayyadamtootni Feesbuukii dabalaa dhufanii biyyoota adda addaatti babaldhatuun Biyyoota Adda addaa irraa Fayyadamtootni hedduuminaan Feesbuukii irra jiraniifi Afaanota dubbatoota baay’ee qaban Afaan ofiitiin tajaajila dhaabbatichi dhiyeesse kana akka argatan godhame, yeroo kana Afaanotni gurguddoon Addunyaaarratti guddatanii tekinoolojidhaan waalteffamanii turan salphaadhumatti tajaajilicha Feesbuukiitiif hojiirra ooluu yommuu eegalan, Afaan Oromootis carraa kana akka argatuuf Gaaffii ilmaan Oromoo biyyoota adda addaa irraa sagalee tokkoon dhiyeessan dhaabbaticha biratti fudhatama argatee hojitti kan seenne yommuu tahu, akka afaanota guguddatan biroo deetaa qophaayee lafa jiru kan yeroo tokkoon qabiyyee tajaajiloota Feesbuukii gara Afaan oromootti jijjiiru waan hin qabneef Namoota Fedhii qaban adda addaa hirmaachifnee Qubee/lee, Sagalee/wwan,jecha/oota, gaalee/wwan, hima/himoota[hima salphaa, dachaa, xaxamaa,dachaa xaxamaa..] fikkf hunda tokko tokkoon akka hiiknuu fi #Tarminooloojiiwwan Tekinoolojii duraan Afaan oromoo keessatti hin beekamne #Moggaasuu/Maxassuu fa’a gadi buunee hunda tokkoo tokkoon akka hojjannu dhaabbatichi carraa nuuf kenne. Hojiin kun jalqabumarraa tokko jedhee kan eegale waan taheef, hojiin hojjatame akkuma seera Afaan kamiittuu jalqabarraa olka’e ykn salphaa irraa gara cimaa

(Qubee–>sagalee–>jecha–>gaalee–>hima–>hima dachaa–>…] jechaa oldeeme

Akkuma hundi keennya yaadannu, Namootni fedhii qaban bilisaan yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti dhibbeentaa hedduu akka hiikamu godhamee ture. Inumaayyuu hanga naannoo dhibbeentaa 70(70%) gahutti hedduu saffisaan hiikamee ture, achi booda garuu harkifachuu eegale, dabalee hirdhachaa dabalaa, suuta deemuu eegale. Haaluma kanaan tirachaa tirachaa amma dhibbeentaa 92(92%) irra gahee erga dhaabbatee ji’oota 5 ol lakkoofsise.
Kun kan taheef sababa gurguddoo lamaaf:
1ffaa) Adeemsa Hiikkaa kan salphaarraa gara cimaatti deemaa dhufe irraayi, akkuma dhibbeentaan olguddachaa deemuun qabiyyeen hiikamu Jechoota, Gaaleewwanifi Himoota xaxamaa fi ulfaatoo hiimmamuu qabantu nama mudata. Kunimmoo namoota heddutti ulfaataa dhufe. #Hub: Namootni hojii kanarratti hirmaachaa turan hedduun sadarkaa barnootaatiin ykn Gahumsa dandeettii barnoota idilee qaban osoo hin taane kanneen interneeta salphaatti argatanii fi Fedhii qaban qofaadha.
Kun ammoo gaafa hojiin hiikkaa Feesbuukii kun gara hojii gahumsa Ogummaa keessaahuu Gahumsa ogummaa Saayinsii Afaanii, Seenaa, Tekinoolojii fikkf beekuun dirqama tahaa gaafa dhufu namoota fedhiidhaan hirmaachaa turan hedduu harca’uun dhufe. Dabalataan ammoo Gahumsi dameewwan eerree kun dhabamuun, hangumti hiikameeyyuu iddoo heddutti walkeessa laaqamee, iddoo tokko tokkotti malee iddoo heddutti seerluga Afaan Oromoo lafarra jiru faallessee argamuu eegale, keessayyuu hanga tajaajila irra ooluu eegale jechuudha. #Screenshot yeroo adda addaati maxxansaa turre ni yaadattu ta’a

2ffaa) Hojichi Abbaa Dhabuu isaati. Qaamni qabeenna qabu kan hojii kana gaafatamummaan fudhatee sochoosaa ture hin jiru. Namootootuma hubannoo qabanii fi fedhii qabantu garee adda addaa uumee walkakaasaa ture malee, Qaamni Hojii kana itti-gaafatamummaan fudhatee ykn qabeenna ramadee hojjachaa ture hin jiru.. Gareen @oroict.com illee haaluma kanaan deeggarsa ogummaa gochaa turuu keenya hedduun keessan ni yaadattu.
Haata’uu malee, Gareen namoota fedhii qaban qofaan qindaaye fagoo deemuu hin danda’u, rakkoo fi hanqinoota akka qulqullina hiikkaa gubbatti uumame jenne sana fa’a furuuf tarkaan fudhachuudhaaf Qaama Qabeenna qabu kan Gaafatamaa ofgochuu dada’u barbaachisa.
Kanaafuu, hojiin hojjatamaa ture hundi, Gagaggamaa ykn Xiinxalamee sadarkaalee adda addaa darbee kan dhufe miti, kun hojii hojjatameeyyuu qulqullina gad-aanaa akka qabaatuu, seerluga afaanichaa hanga faallessuufi, Afaan caccabsuu fi balleessuuf karaa kan baneedha jennee amanna nuti.
Rakkoon kun ammoo Feesbuukii irratti qofa osoo hin taane Guddina Afaan Oromoo karaa Tekinoolojiitinis ta’ee carraalee adda addaarratti Afaanota biraa waliin dorgomaa akka hin taane qaawwa baneera, Dhaabbatni Google, Afaan oromoo Afaan hojii Dhaabbata Google gochuuf(Google Translation) bara 2017 hayyamee baajata barbaachisu ramadee kan ture tahus, baajatni kenname jedhan garee muraasaan nyaatamee, hanga ammaatti Jechoota Afaan Oromoo Mil.1 kan Afaan Englich hiikame akka qophaa’u dhaabbatichi gaafate gufatee karatti hafe. Kana qofaaree, Hiikkaan Telegiraama Afaan Oromoollee jalqamee hin xumuramin jira, Akkasumas Dhaabbileen biroo hedduu kanneen addunyaarraa damee baay’ee qabanii fi Afaan adda addaatiin hojjachaa jiran, darbees hojjattoota Afaanichaatiif carraa hojii uumaa jiran irraa Afaan keenyas ilmaan Oromoos fayyadamoo akka hin taane nu uggureera.

Furmaata:
****
Walumaagalaatti, Rakkooleen ijoon 2n asii olitti eeraman yoo tahu kanneen birootis eeruun ni danda’a. Haatahuu malee Rakkoolee ijoo kanneen osoo furanii Hiikkaa Feesbuukii Afaan Oromoo qofa osoo hin taane Guddina Afaan Oromoo haala salphaa ta’een sadarkaa adda addaatti dabaluu bira darbee Afaanota gurguddoo Addunyaa 100 (Top 100) keessa galchuun ni danda’ama. Gaafas Afaan Oromoo nuuf Guddachuu dhabe, Afaan Federaalawaa nuuf tahuu dhabe komiin jedhus bifa salphaan furamuu kan danda’uudha, Sababnisaa Afaan tokko Guddina Tekinoolojiitiin cimee ramaddiilee Afaanota Gurguddaa Idil-Addunyaa keessa gaafa galu, Kana jechuun qabeenna(resource) barbaachisoo ta’an akka Afaanota guguddatan biroo waan guuttatuuf, #Ethiopia Ummanni keenya kaasitti keessatti hedduumatu mitii, Biyyoota Alaaa kanneen Namootni Afaan Oromoo dubbatan keessatti hedduumatan akka Keenuyaa, Taanzaaniyaa, Austiraaliyaa, USA-Minissotaa, Awuroophaa, Biyyoota Arabaa fikkf keessattuu akka Afaan hojii-dabalataatti dhuunfaaf, Gareef, dhaabbileefi hanga waajjiraalee Mootummaatti akka itti-fayyadamaniif dhiibbaa godhuunis, deebii argachuunis salphaa tahaadhufa.

Hojiilee kaka’umsaa fi fedhiidhaan hojjataman heddu keessatti Qaamni itti-gaafatamummaa fudhatee, qabeenna[humna namaa, baasiin barbaachisu yoo jiraate, yeroo fikkf] qindeessee, waan kana hojjanneerra, waan kana humna keenyaa oli ykn kana sani jedhee ummatatti himu hin muldhatu, tattaaffiin namoota dhuunfaa, projectiiwwan gurguddaa akkasii galmaan gahuuf ni ulfaata waan taheef.
#KANAAFUU, Hawwiin kun akka dhugoomuuf Furmaanni tokkoof tokko qofa.
Innis: DHAABBATA Ofdanda’e kan qabeenna[Humna namaa, Baajata, Yeroo…] ofdanda’e qabu, keessaahuu Ogeeyyii ogummaalee adda addaatiin gahumsa qaban[Oeeyyii Saayinsii Afaanii, Seenaa fi Duudhaa Saba Oromoo, Gahumsa Tekinoolojii…] qaban kan GUDDINA AFAAN OROMOO Irratti qofa xiyyeeffannoon hojjatan dhaabuudha.
– Yeroo adda addaatti gara mootummaatiin yaaliin yaalame hin milkoofne waantaheef, Dhaabbata Tola ooltummaa dhaabuudhaan ogeeyyii walitti qabuudhaan hundeessanii haala salphaan hojjachiisuun ni danda’ama.

Yaada dabalataa itti-dabaluu dandeessu

Ulfaadhaa
Garee @oroict

3 Comments

  • Hassan Mohammad
    June 8, 2020 at 11:17 pm

    Tokkummaan kaane Rakkoo kana furannee Afaan keenya kuni akka afaanoota gurguddoo idil addunyaatti dabalamuuf namoonni fi qaamoonni dhimmi kuni ilaalu hundi qooda fudhachuu qabu.

  • July 28, 2020 at 12:59 pm

    Dhugaadha yaadonni asii olitti ka’an dhimmoota furamuu fi xiyyeeffannoo barbaachisaa argachuu qabanidha. Dhimma kana irratti yaada lama lafa kaa’uun barbaada. Tokkoffaa garuu, yaanni kee lammaffaan dhimmoota biroos kan haammatu ta’uu isaa beekamuu qaba. Akkamitti yoo jettee, Abbaan dhimmaa afaan biyya tokkoo biiroo aada fi turizimii biyya sanaati. Ani dhuunfaa kiyyaan baay’ee natti dhaga’amee dhimma kana xinxalaan ture. Garuu amma yeroo teesse rakkoon dhimma kanaa maali jette yaaddee, dhuguma dubbachuuf afaan oromoo hacuuccaa wayii yookaan harka hin beekamnee yookaan harka lafa jalaan wanti afaan kun akka quucaru hojjetu jira jedheen yaada. Maaliif yoo jette, biiroon kun waan inni hojjete hin jiru jechuun ni danda’ama. Afaan kun ofuma isaa karaa hin beekamneen guddachaa waan jiru natti fakkaata. Baajetni ramadamu yoo jiraates durgoodhaan waan fixan natti fakkaata, Yookaan ammoo namnumti quuqama qabuu fi waa uumuu danda’u dhaabbata kana bulchaa jiraayyuu kan jedhus shakkii kiyya. Dhuma irrattii, dhalootumti kun hagam dhimmamee seerluga afaan isaa eege fayyadamaa? Kan jedhus shakii kiyya. Salphaan barreessuun otoo danda’amuu maaliif xaxamaa? Galmeen jechoota waaltawaa maaliif komputeraan maaf hin uumamnee? Jechoota namni afaan oromoon barreessu tokko sassaabuu/cuuru danda’u maaf hin hojjetamnee? Jechoonni barreeffamaaf oolaniif maaliif galmeen jechoota hin hojjetamnee? Dhaloonni kun maaliif yeroo barreessu seerluga afaan isaa eege hin barreessuu? Afaan Oromoo afaan baruun salphaa ta’edha. Formulaan isaas jechoota afaan kanaa yeroo barreessitu akka sagaleessitutti yookaan akka afaan kee keessa bahutti barreessita. Xumurame, kalaas! Gaaffiiwwan kanniiniif deebiin ‘Galmee jechoota barreeffamaa, komputera irratti hundaa’e’ qopheessuudha! Fakkeenya tokko fi kan yeroo maraa barreeffama namoonni adda addaa argee na aarsu; Jecha kana fudhaa: kunniin, kanniin,kunneen… maaliif tokkumti waalta’ee hin fayyadamnee? Yoo kaan moo yoo kiin-itu sirriidhaa? Deebii: yookaan, yaadni moo yaanni -tu sirriidhaa? salphaadhaa? Nyaanni moo nyaatni sirridhaa? Salphaadha? Yaada kana kan deeggartan yaada naaf kenna. Quuqamni kiyya gaaf tokko hojii kana dhugoomsuu keessatti akkan tattaafadhuufis na gargaara jedheen yaada.

  • July 28, 2020 at 1:18 pm

    Dhugaadha yaadonni asii olitti ka’an dhimmoota furamuu fi xiyyeeffannoo barbaachisaa argachuu qabanidha. Dhimma kana irratti yaada lama lafa kaa’uun barbaada. Tokkoffaa garuu, yaanni kee lammaffaan dhimmoota biroos kan haammatu ta’uu isaa beekamuu qaba. Akkamitti yoo jettee, Abbaan dhimmaa afaan biyya tokkoo biiroo aada fi turizimii biyya sanaati. Ani dhuunfaa kiyyaan baay’ee natti dhaga’amee dhimma kana xiinxalaan ture. Garuu amma yeroo teesse rakkoon dhimma kanaa maali jette yaaddee, dhuguma dubbachuuf afaan oromoo hacuuccaa wayii yookaan harka hin beekamne yookaan harka lafa jalaan wanti afaan kun akka quucaru hojjetu jira jedheen yaada. Maaliif yoo jette, biiroon kun waan inni hojjete hin jiru jechuun ni danda’ama. Afaan kun ofuma isaa karaa hin beekamneen guddachaa waan jiru natti fakkaata. Baajetni ramadamu yoo jiraates durgoodhaan waan fixan natti fakkaata, Yookaan ammoo namnumti quuqama qabuu fi waa uumuu danda’u dhaabbata kana bulchaa jiraayyuu kan jedhus shakkii kiyya. Dhuma irrattii, dhalootumti kun hagam dhimmamee seerluga afaan isaa eege fayyadamaa? Kan jedhus shakii kiyya. Salphaan barreessuun otoo danda’amuu maaliif xaxamaa? Galmeen(application) jechoota waaltawaa maaliif komputeraan hin uumamnee? Sooftiweeriin/moosajjiin Jechoota namni afaan oromoon barreessu tokko sassaabuu/cuuru danda’u maaf hin hojjetamnee? Jechoonni barreeffamaaf oolaniif maaliif galmeen jechoota hin hojjetamnee? Dhaloonni kun maaliif yeroo barreessu seerluga afaan isaa eege hin barreessuu? Afaan Oromoo afaan baruun salphaa ta’edha. Formulaan isaas jechoota afaan kanaa yeroo barreessitu akka sagaleessitutti yookaan yeroo odeessitu akka afaan kee keessa bahutti barreessita. Xumurame, kalaas! Gaaffiiwwan kanniiniif deebiin ‘Galmee jechoota barreeffamaa, komputeri irratti hundaa’e’ qopheessuudha! Fakkeenya tokko fi kan yeroo maraa barreeffama namoonni adda addaa barreessan argee na aarsu; Jecha kana fudhaa: kunniin, kanniin,kunneen… maaliif tokkumti waalta’ee hin fayyadamnee? Yoo kaan moo yoo kiin-itu sirriidhaa? Deebii: yookaan, yaadni moo yaanni -tu sirriidhaa? salphaadhaa? Nyaanni moo nyaatni sirridhaa? Salphaadha? Yaada kana kan deeggartan yaada naaf kenna. Quuqamni kiyya gaaf tokko hojii kana dhugoomsuu keessatti akkan tattaafadhuufis na gargaara jedheen yaada.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *